Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti hidhaa fi saamicha raawwatan

ONM-ABO Amajjii 18, 2025 

Lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan Oromoo afaaniin kukkuulanii, faallaa isaa immoo sababa hin beekamnee fi waan hawaasni hin qabneen yakkuun diinummaa fi jibbiinsa qaban ifatti mul’isanii dararaa ulfaataa dhalli namaa mitii bineensiyyuu argee hin beekne irratti raawwataa jiru.

Aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Kiichii jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa Amajjii 14, 2025 maanguddoo ganna 75 Obbo Hinkoosaa Deesoo kan jedhaman jalaa horii 7 saamanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Kana malees, guyyaadhuma kana ilma isaanii dargaggoo Garramuu Hinkoosaa jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun yoo hidhan, ganduma kana keessaa dubartii maqaan ishee Aadde Mitikkee jedhamtu jalaa horii 1 fudhachuun ishees hidhaatti darbatanii jiraachuun dabalataan ibsameera.

Exit mobile version