ONM-ABO Amajjii 19, 2025
Yeroo dhihoo asitti kutaa magaalaa Finfinnee keessaa naannoo Haayaat jedhamee beekamuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa Injiineer Ashannaafiin qabeenya waajjira isaanii saamuun mana jireenyaa sadarkaa isaa eeggate qarshii Miiliyoona 44’n bitatee hoggaa irratti baramu, tikni mootummaa gara waajjira isaa dhaqanii qabuun yeroo muraasaaf bakka hin beekamnetti geessanii erga qoratanii booda gadi lakkisanii jiraachuu maddeen amanamoo keessoo Bilxiginnaa ONM’tti himan.
Akka maddeen amanamoo keessoo Bilxiginnaa ONM’tti himanitti, namni kun nama Piresidentii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa waliin guddatee fi firooma dhiigaa illee wal keessaa kan qaban ta’uu himuun, isaanis saamicha irratti bobba’anii jiran kana wal irratti baranii wal loluun, yeroo ammaa kanas Injiineer Ashannaafii namni jedhamu kun sodaa guddaa keessa galee jiraachuu dubbatu.
Sababuma saamichaa kanaaf Pirojektiin akka ijaaramuuf Korporeshinii Ijaarsa Oromiyaatiif kenname kanneen akka: Pirojektii Ijaarsa Jallisii Gudar Faaxoo fi Pirojektii Ijaarsa Kanaalii Arjoo Dhidheessaa kan mootummaan qarshii Biiliyoona 2 oliin akka ijaaraniif itti kenne hanqina baajataa mudate irraa ka’uun cufamee tajaajila yaadame osoo hin kennin hafee jira.
Kana malees waajirichi miseensonni Paartii Badhaadhinaa waltajjii jechuun magaalaa Bishooftuutti hoggaa ta’anis, miseensa isaanii kanaaf seeraan ala durgoo guyyaa sadii tokko tokkoo isaaniif qarshii 6,000 ol kaffaluun qabeenyaa fi maallaqa waajjira kanaa saamanii golgoleessaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.

