ONM-ABO Amajjii 13, 2025
Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti, Itti aanaan Hoogganaa Waajjira Galiiwwan Oromiyaa Obbo Tsaggaayee Abdiisaa namni jedhamu tibba kana kufaatii dinagdee impaayerattii mudateen murni Bilxiginnaa rifaatuu hamtuu keessa seenuun maqaa gamaaggama raawwii hojii jedhuun hojjettoota mootummaa Seektaroota garaa garaa irra jiran walitti qabuun, bifa doorsisaa fi dheekkamsa qabuun akkaataa ittiin uummata Oromoo saamanii dinagdee isaanii dandamachiisuu danda’an irratti waltajjii irra kan jiran ta’uu maddeen amanamoo keessoo Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa bulchiinsa magalaa Ukkee jala kan jirtu ganda Lookoo bakka addaa Senteraarii jedhamtu irraa ammoo bulchaan gandichaa Guddinaa namni jedhamu fi kanaan dura gandicha bulchaa kan ture nama Tasfaa jedhamu waliin wal ta’uun uummata Amaaraa naannoo sana jiraatan irraa qarshii 28,000 harkatti fudhachuun, akka uummanni Oromoo lafa isaa irra qotatee hin jiraanne taasisanii dararaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Finxaaleeyyiin Amaaraa kunneen yeroo addaa addaatti gandoota aanichaa bakkeewwan hedduu keessatti tumsaa fi deggersa murna Bilxiginnaan uummata Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa fi suukkanneessoo ta’an garaa garaa raawwachaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun eeran.

