Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Pirezidaantiin Sudaan Kibbaa mormii fi saamicha dhaabbilee daldalaa Sudaan booda tasgabbii gaafatan

ONM-ABO Amajjii 19, 2025 

Pireezidaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir tasgabbiin akka jiraatuu fi gochi hammeenyaa humni waraanaa Sudaan (SAF) lammiilee Sudaan Kibbaa irratti raawwataa jiru akka dhaabbatu gaafataniiru.

“Gocha hammeenyaa lammiilee keenya Sudaan irratti raawwatame, fi keessumaa immoo waan Naannoo Al Geziraa, Wad Madani keessatti raawwatamaa jiru irratti dhukkubbii fi tuffiin keessan natti dhaga’ama jedhan. 

Ajjeechaan namummaa hin qabne namoota nagaa Sudaan Kibbaa qulqulluu irratti Humnoota Waraanaa Sudaaniin raawwatame jedhame kun yaadannoo rakkisaa, gaddisiisaa fi miira namaa kakaasu ta’uu himaniiru.

Gochoonni fokkisaan kun fudhatama kan hin qabnee fi amala shororkeessummaa qofaan akka wal madaalu” Kiir haasawa sabaaf taasisaniin dubbatan.

Lammiileen Sudaan Kibbaa tasgabbaa’anii haaloo ba’uu irraa akka of qusatan dhaamaniiru.

Qabeenyaa fi daldala isaanii haa eegnu, nuti namoota keessummeessitoota, baqattoota Sudaan lola Sudaan keessaa baqataniif eegumsaa fi deeggarsa gochuun dirqama keenya,” jedhan.

Viidiyoonni suukaneessaan jalqaba torban kanaa miidiyaa hawaasaa irratti naanna’aa ture kan lammiileen Sudaan Kibbaa magaalaa guddoo bulchiinsa Al Jaziraa, Wad Madani keessatti ajjeefaman, nageenya namoota kumaatamaan lakkaa’aman biyya ollaa waraanaan miidhame kana keessatti qabamaniif yaaddoo uumeera jechuun BBC’n gabaaseera.

Exit mobile version