ONM-ABO Amajjii 23, 2025
Yeroo fi akka fedhetti akkasumas bakka fedhe cufatti goolessitoota isaa dhala namaaf naasuu tokko hin qabne uummatatti bobbaasuun gochoota ciiggaassisoo humnaa olii irratti raawwachaa kan oolu murni PP gochaa badii isaa kana itti fufuun, godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa ganda lrgansaatti waraanni garboomfataan PP maqaa farra riphee lolaa jedhuun of waamtu uummata nagaa siyaasa kam irraayyuu bilisa ta’e saamaa jiraachuu maddeen keenya gamasii gabaasan.
Ammajjii 22, 2025 ganama sa’a 12:00’tti aanaa Galaanaa ganda lrgansaa Zoonii Oforra jedhamu seenuun namoota afur maqaa WBO deeggartu jedhuun qabanii kan deeman oggaa ta’u, akkasumas mana nama dhuunfaa tokko kan maqaan ishee Aadde Fondhee jedhamtu cabsanii seenuun qarshii 8000 saamanii deemaniiru.
Maqaan namoota ukkaamfamanii kunneenis:
- Shamarree Malluu Didaa,
- Aadde Heleelloo Goloo,
- Aadde Shubboo Kaartaa fi
- Aadde Itaanechi Goloo
kanneen jedhaman oggaa ta’uan, qaamonni murni PP namoota kana ukkaamsan kanneen maqaan isaanii Qumbii Geettalaa fi Qeccisaa Gubaa kanneen jedhaman ta’uu namoonni itti dhiheenyaan beekan ONM’f eeranii jiru.

