ONM-ABO Sadaasa 12, 2025
Kibba Oromiyaa godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa ganda Dibbee Qongaa jedhamu keessatti waraanni maafiyaa Bilxiginnaa gaafa Sadaasa 7, 2025 halkan keessaa toora sa’aatii 6:45’tti maanguddoo maqaan isaa Obbo Goobanaa Jaboo jedhamu sababa tokko malee rasaasaan ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Oromiyaatti himaniiru
Hidhattoonni kunneen tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo yeroo darbe gandicha keessatti fudhate baaraguun iddoo qubsuma isaanii aanaa Galaanaa ganda Galmaa jedhamu irraa bobba’uun sodaa Waraana Bilisummaa Oromoo irraan kan ka’e osoo haxxee irra taa’aa jiranii nama nagaa kana sababa tokko malee ajjeesan jechuun jiraattonni ibsaniiru.
Maanguddoon kunis halkan sana dallaa loowwan isaa turee sa’a elmachuun gara mana isaatti osoo deebi’aa jiruu loltoonni kunneen aannan isaas harkaa fuudhanii erga dhuganii booda gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesaanii gatuu dabaluun eeraniiru.
Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti maanguddoon kun nama umriin buleessa ta’ee fi hirmaataa gartuu siyaasaa kamiyyuu irraa walaba oggaa ta’u, sirna dhabeeyyiin ergamtoota impaayerattii garuu deggeraa WBOti jedhanii shakkii jedhuu fi Waraana Bilisummaa Oromoo biraa deebi’aa jirta maqaa jedhuun yakkanii akka ajjeessan ifoomsaniiru .
Hidhattoonni Bilxiginnaa holola malee lolatti ga’umsa hin qabne Wayita waraanni Bilisummaa Oromoo lolee inifannoo irratti galmeessu qaama isaan lole golatti dheessuun hawaasa meesha maleessa irratti haaloo bahannaa raawwachaa jiraachuun ni beekama

