Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Najjoo fi Aayiratti ergamtoota murna Bilxiginnaan hidhaan namoota nagaa irratti raawwatamu jabaate

ONM-ABO Amajjii 26, 2025 

Amajjii 23, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Najjoo ganda Somboo Dooraa jedhamu irraa obboloota lamaan dargaggoo Abdataa Haayiluu fi shamarree Masarat Haayiluu  hidhattootni sirnichaa sobaan yakkanii maqaa WBO’f odeessa laattuu fi akkasumas rifeensa footuuf jedhuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattotni ONM’tti himan.

Akka maddeen himanitti, dargaggoo Abdataa fi obboleettiin isaa kun siyaasa paartii dhaaba kamiiyyuu kan hin hordofne ta’uu himuun, mindeeffamtootni Koloneel Abiy Ahimed ilmaan Oromoo guyyuu dararuu araada godhatan kunneen sobaan yakkanii hidhuu jiraattotni itti dabaluun dubbataniiru. 

Akkasumas aanichuma ganda Giddaa Maaramii keessaa Amajjii 23, 2025 konkolaachisaa baajaajii kan ta’e dargaggoo Kabaa Maaramaa jedhamu badii tokko malee hidhanii hiraarsaa jiraachuu ONM jiraattota onichaa irraa qulqulleeffachNaggasaa,a’ameera.

Oduu saamichaan ammoo aanaa Aayiraa ganda Kuree iddoo addaa Lalisaa Dooraa jedhamuun beekamu keessatti, hidhattoonni faashistii PP Amajjii 24, 2025 Obbo Jiraataa Kumsaa jalaa Loon 11 saamuun ifoomeera.

Exit mobile version