ONM-ABO Amajjii 30, 2024
Diiguu malee misooma hunda galeessa ijaaruu kan hin feene afaaniin misooma lammiilee hundaaf jechaa faallaa isaa ammoo wantoota jireenya dhala namaaf bu’uura ta’an mancaasuun kan beekaman ergamtoonni Bilxiginnaa, wayita ammaa magaalota Oromiyaa bakkeewwan addaa addaatti maqaa ijaarsa Koriidarii jedhuun miidhaa geessisaa jiru.
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu magaalaa Daarimuu keessattis maqaa ijaarsa kooriidarii jedhuun wayita ammaa lukkeeleen Bilxiginnaa manneen ilmaan hiyyeessaa beenyaa tokko malee diiganii mancaasaa jiraachuu jiraattonni magaalaa Daarimuu dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, bara Bilxiginnaa keessa sanuu mootummaa ani Oromoodha ofiin jedhuun kan sirnoota darbaniin addatti biyya abbaa isaanii irratti dararaa ulfaataa keessummeessaa akka jiran himuun, jiraattonni hedduunis sababa manni isaanii jalaa diigamee manca’eef bakka jiraatan dhabuun, kanneen jireenyi isaanii fooyya’aa ta’e mana kireeffataa kan jiranii fi harka qalleeyyiin ammoo bakkee qullaatti hafuun, haati hiyyeessaa halkaniif guyyyaa imimmaan buusaa kan jirtu ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akkasumas, jiraattonni manneen daldalaa hojjechuun of jireessan illee, bakka itti dalaganii bulan dhabanii hojii dhiisuun kan kaleessa jireenyi irraa hafee ormayyuu gargaaran har’a garuu sababa kanaan dabaree isaanii sadarkaa harka namaa ilaaluu irra ga’anii kan jiran ta’uun ibsameera.

