ONM-ABO Amajjii 29, 2025
Murni garboomfataan impaayerattii afaaniin “impaayerattii natu harkaa qaba” jedhu namoota saalaa fi umuriin osoo adda hin fo’in hawaasa hunda walitti ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuree leenjii gahaa ta’e osoo hin kenniniif ilmaan Oromoo adda waraanaatti baasuun lafa irraa duguugsisaa jira.
Aanaa Gammachiis ganda Geegiyyaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa Amajjii 20, 2025 barattoota mana barumsaa sadarkaa 1’ffaa baratan dirqamsisuun gara mooraa leenjii waraanaatti geessuuf hoggaa jedhan “gaafa mirgi keenya nuuf kabajame baranna” jechuun barnoota isaanii addaan kutanii gara hojii biraatti bobba’aa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Barattoonni kunneen mirga barachuu dhabuun murtoo “gara mooraa leenjii waraanaa PP deemuu fudhachuu keenya irra biyyaa ba’u wayya jechuun godaansaaf saaxilamaa kan jiran ta’uunis ifoomeera.
Lukkeeleen mootummaa garboomfataa Bilxiginnaa immoo maatii barattoota kanaa haaloo ba’uuf jecha, tajaajila hawaasummaa irraa kutuun, baasii garaa garaa ammoo humnaan hanga isaa ol kaasanii irraa fuudhaa jiru.

