Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti loltoonni Abiy Ahimed maatii qabsaa’otaa irratti saamichaa fi gubaatii manneenii raawwatan

ONM-ABO Amajjii 29, 2025 

Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Ceekaa Diimtuu keessaa Amajjii 26, 2025 maqaa “abbaa warraa keetu bosona jira” jedhuun, haadha daa’imman 8  kan taate Aadde Tollaanii Fattanaa loltoonni Bilxiginnaa badii tokko malee mana jireenyaa ishee qabeenya keessa jiru hunda waliin ibidda itti shidanii jalaa barbadeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Gara jabeeyyiin waraana Bilxiginnaa kunneen qabeenya mana keessa jiru ibiddaan erga barbadeessanii booda, qarshii 50,000 fi bilbila harkaa guddaa TECNO SPARK jedhamus jalaa saamanii deemuu maddeen itti dabaluun gabaasan.

Akka jiraattotni jedhanitti Aadde Tollaaniin gocha gara jabinaa ergamtoota sirnichaan irratti raawwate kanaan qoor-qalbii miidhamuun, yeroo ammaa kana daa’imman ishee dhiistee qe’ee irraa baqachuun eessa akka jirtu kan hin beekamne ta’uu himuun, ijoolleen ishees bakkeetti hafanii jiruu gadadoo hamtuu keessatti kufuun haala nama gaddisiisu keessa kan jiran ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version