ONM-ABO Amajjii 30, 2025
Roobii kaleessaa gareen waraanaa gartokkee humni dafee qaqqabaa RSF dhukaasa meeshaa waraanaa isaatiin yoo xiqqaate namoonni 7 yoo du’an, 11 ammoo madaa’uu gareen aktivistoota biyya keessaa beeksiseera.
Humnoonni RSF mooraa Abu Shuk magaalaa guddoo Naannoo Kaaba Daarfuur magaalaa El Fasher keessatti argamu irratti dhukaasa cimaa taasiseen lubbuun namootaa darbuu isaa koreen balaa tasaa Abu Shuk ibsa baaseen beeksiseera.
El Fasher, wiirtuu ijoo hojiiwwan gargaarsa namoomaa guutuu bulchiinsa Daarfuur shanan keessatti, akeekkachiisni idil-addunyaa daran akka hin hammaanne ta’us, Caamsaa 10 irraa eegalee bakka jeequmsaa ta’ee jira.
Gama biraatiin waraanni Sudaan magaalaa guddittii Kaartuum irraa kaaba magaalaa Bahrii keessatti naannoolee hedduutti tarkaanfachuu itti fufuusaa namoonni ijaan argan himan.
Ollaawwan Bahrii keessa jiran harki caalaan isaanii yeroo ammaa to’annoo waraanaa jala jiru, kanneen gama dhiha magaalattii jiran muraasa kanneen to’annoo RSF jala jiran irraa kan hafe jedhan jechuun Anaadooluun gabaaseera.

