Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Haleellaa Humni Deggersa Saffisaa RSF Sudaan el-Fasher irratti haleellaa raawwateen yoo xiqqaate namoonni 24 ajjeefamuu Gareen Dokteroota Sudaan ibse

ONM-ABO Hagayya 29, 2025 

Sudaan naannoo dhiha Daarfuur magaalaa el-Fasher kan marfamte irratti haleellaa humna waraanaa ariifataa RSFn irratti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 24 ajjeefamanii kurnanootaan kan  lakkaa’aman ammoo madaa’uu isaanii gareen yaalaa tokko beeksiseera.

Humni Deggarsa Saffisaa, gareen waraana Sudaan waliin wal lolaa jiru, naannoo gabaa giddu galeessaa fi naannoo Awlad al-Reef kan namoonni hedduun itti baay’atan, el-Fasher keessatti dhukaasa banuun ajjeechaa kana raawwachuu waraana biyya keessaa kan hordofu Neetworkiin Doktoroota Sudaan Kamisa kaleessaa ibseera.

Haleellaa kanaan dubartoota shan dabalatee namoota 55 madaa’uu beeksiseera.

Gabaasa kana irratti RSF irraa yaadni hatattamaa kenname hin jiru.

Magaalaa guddoo bulchiinsa Kaaba Daarfuur kan taate El-Fasher waggaa tokkoo oliif waraana Sudaan fi RSF gidduutti waldhabdee geggeeffamee bakka lolaa taatee jirti. Naannoo Daarfuur keessatti bakka waraanaa cimaa isa dhumaa ti.

Sudaan Ebla bara 2023tti waldhabdeen waraanaa fi RSF gidduutti yeroo dheeraaf ture magaalaa guddoo Kaartuum keessatti lola ifatti uumameen waraana biyya keessaa keessa galte.

Dhukaasni Roobii darbe kun haleellaa walduraa duubaan el-Fasher fi naannoo ishee irratti raawwatame keessaa isa dhumaa yoo ta’u, mooraa buqqaatotaa hongeen miidhaman lama kan loltoonni RSF baatii Eblaa keessa haleellaa guddaa namoota dhibbaan lakkaa’aman ajjeesan dabalateeti.

Ji’a Hagayyaa keessa guyyoota 10 keessatti haleellaa RSF magaalattii fi naannoo ishee keessatti raawwateen yoo xiqqaate namoonni nagaa 89 kan ajjeefaman yoo ta’u, isaan keessaa 16 ajjeefamaniiru jedha komishinarri olaanaa mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

Exit mobile version