Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee Bahaa Aanaa Gindhir keessaa hidhaa fi reebichi jiraattota irratti raawwatamu cimee itti fufuun ibsame

ONM-ABO Amajjii 31, 2025 

Dhiiraa fi dubartii, xiqqaa fi guddaa, beekaa fi wallaalaa osoo hin jenne Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa jaleewwan Bilxiginnaa qaama isaanii olii gammachiisuuf jecha ilmaan Oromoo gama isaaniif danda’ame maraan miidhaa irraan gahaa jiru. 

Aanaa Gindhir araddaa Abbichuu jedhamu irraa murni Bixiginnaa akkuma amala isaanii duraatti hawaasa dararuu itti fufuun, torban darbe keessa, namoota maqaan isaanii Mahaammad Hasanee fi Gaaddisaa Mahaammad jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf reebicha hamaa qaama laalessu erga irratti raawwatanii booda ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni kunneen siyaasa tokkollee kan hin hordofnee fi hojii dhuunfaa isaanii qofa irratti bobba’anii kan jiraatan yoo ta’an, lukkeeleen Bilxiginnaa immoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkanii hidhaatti darbachuun dabalataan ibsameera. 

Exit mobile version