ONM-ABO Amajjii 31, 2025
Koloneeffattoonni impaayera Itiyoophiyaa sirna bulchiinsa isaanii keessatti, uummata Oromoo mancaasuu, qe’ee fi qabeenyaa isaa dhabamsiisuun, eenyuummaa isaa illee balleessuuf baroota dhufaa darbaa maqaa aangoo qofaa jijjirrachuun hojii wal fakkaataa sirna habashummaa qofa leellisaa, Oromummaa ammoo balfaa har’a ga’anii jiru.
Har’as barcuma isaanii kan dhaale murni Bilxiginnaa godina Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Dongorree Xiyyoo jedhamtu keessatti guyyoota muraasaan dura qonnaan bultoota bay’inaan hanga namoota 80 ta’an qabanii meeshaa waraanaa qabdu jechuun hidhanii qabeenyaa isaanii dhuunfaan sirnoota darban keessa fayyadamaa turuun amma immoo gurgurachuun faayidaa isaaniif oolfatan irratti mirga itti hin qabdan, amma qarshii kuma 35 kaffaltan malee jechuun irraa guuruun himama.
Haa ta’u malee qonnaan bultoonni kunneen maallaqa gaafataman kana kaffalanis manneen hidhaa irraa baafamuu hafanii dabalataan qarshii kuma dhibba tokkoo fi kuma kudhan akka kaffalaniif dirqisiifamaa kan jiran oggaa ta’u, maallaqa gaafatamtan kana kaffaluu baannaan ni ajjeefamtu jechuun doorsisni irratti raawwatamaa jiraachuun ibsameera.
Namoota gochaan kun irratti raawwachaa jiru keessa kan maqaan nu qaqqabee muraasni:
- Urgiyyoo Shuumii,
- Gammadaa Waaqjiraa,
- Daadhii Boosat,
- Daadhii Baqqalaa,
- Boosee Qumbii,
- Daadhii Xiiqii,
- Dinquu Rattaa,
- Bosee Dhugoo,
- Aabboo Yaa’ii,
- Guddataa Roobalee,
- Jaadaa Hoyee,
- Guddataa Taliilaa fi kanneen maqaan nu hin ga’in hedduu ta’uun ibsameera.

