ONM-ABO Sadaasa 14, 2025
Godina Baha Shaggar aanaa Boosat gandoota garaagaraa keessatti murni jiraachuu ilmaan Oromoo hin jaallanne Bilxiginnaan, gaafa Sadaasa 11, 2025 marii taasisaniin qonnaan bultoota buqqisanii saamuu fi beelessuuf karoorfachuu isaanii keessa beektonni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.
Loltoonnii fi kaadireen Bilxiginnaa kan waan hojjetanii fi dhiisan hin beekne bakkeewwan tarsiimoo qonnaa garaagaraa kanneen Nuuraa Heeraa jalatti argaman kanneen akka Dheeraa, Battee, Digaluu, Haroo Lolaa, Qorittii, Qoree, Hinquuftuu, Barruu jedhaman midhaan facaafatan galfatanii osoo hin xumurin midhaan boqqolloo kiiloo 30 fi xaafii kiiloo 25 qarshii 10,000 waliin uummata waan nyaatuyyuu hin qabnerraa fuudhaa jiraachuu isaanii jiraattonni himaniiru.
Kun utuu kanaan jiruu bakka WBO’n gandoota kanneenitti sochii osoo hin goone odeessa WBO nuuf kennaa hin jirtan jechuun uummata siyaasa irraa walaba ta’ee jireenya isaa qofa geggeeffatu “isin deggertoota WBO ti, isaaniif nyaata laattu, kanaaf isin buqqisna” jechuun itti dhaadataa akka jiran maddeen keessoo Bilxiginnaa himuun guyyoota kudhanii asitti akka bakka qonnaa isaanii gadi lakkisan kaabinoonni aanichaa karoorsanii irratti hojjechaa akka jiran beekameera.
Uummanni kun irra jireessaan qonnaan bulaa waan ta’eef filannoo biraa kan hin qabne ta’uu osoo beekanii uummatichi balaa beelaaf akka saaxilamuu fi kan qotatanii jiran illee murni Bilxiginnaa harkaa saamuun jiraattota gandichaa egeree isaaniif yaaddoo guddaa keessa galchuu ONM’f addeessaniiru.
Murni bilxiginnaa lola lafootiin WBO dadhabuu isaa irraan kan ka’e abdii kutachuun uummata nagaa siyaasa irraa walaba ta’an cufa sababa tokko malee barjaa sobaa itti maxxansuun gocha farra namoomaa irratti raawwachaa jiraachuun aadaa Bilxiginnaa ta’ee hafeera.

