Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Israa’el qaama waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaatiin hidhamtoota Falasxiin 90 gadi lakkisuuf jirti

ONM-ABO Guraandhala 1, 2025 

Israa’el qaama waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaatiin Sanbata har’aa hidhamtoota Falasxiin 90 gadhiisuuf akka jirtu Waajjirri Odeeffannoo Hidhamtoota Falasxiin Jimaata kaleessaa ibseera.

Hidhamtoota kana keessaa sagal adabbii umurii guutuu kan raawwatan yoo ta’u, kanneen biroo 81 ammoo adabbii yeroo dheeraa keessa turan.

Jalqaba guyyaa kanaa gareen Falasxiin Hamas booji’amtoota Israa’el sadii kanneen Sanbata gadhiifaman maqaa dhaheera.

Waliigaltee marsaa tokkoffaa guyyoota 42f kan turu jalatti booji’amtoonni Israa’el 33 kan gadhiifaman yoo ta’u, kunis namoota Falasxiin hidhaman 1,700-2,000tti tilmaamaman jijjiira.

Hamaas Kamisa darbe Gaazaa keessatti namoota Israa’el sadii fi Taayilaand booji’amtoota shan bilisa kan baase yoo ta’u, Israa’el ammoo hidhamtoota Falasxiin 110 gadi lakkifteetti. 

Waraanni duguuggaa sanyii Israa’el Onkoloolessa 7, 2023 irraa eegalee Gaazaa keessatti lammiilee Falasxiinota 47,400 ol ajjeeseera, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman jechuun Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version