ONM-ABO Amajjii 31, 2025
Ergamaan Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp Baha Giddu Galeessaa Kamisa kaleessaa akka jedhanitti, namni Ameerikaa booji’ame tokko Jimaata Gaazaa keessaa akka gadhiifamu himaniiru.
“Hojii gubbaa jirra tokko boru ba’aa jira,” jedhan Istev Witkof gaaffii gaazexeessitoota irraa booji’amtoota Israa’el lammummaa Ameerikaa qaban deebisuuf tattaaffii godhamu ilaalchisee deebii kennaniin.
Gareen Falasxiin Hamas Israa’el waliin waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi hidhamtoota jijjiiruun Kamisa kaleessaa booji’amtoota Israa’el sadii fi hojjettoota Taayilaand shan bilisa baaseera.
Ergamaan Ameerikaa waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa hanga dhumaatti akka turu abdii qaban ibsaniiru.
Wiitkoof Roobii darbe Israa’el kan seenan yoo ta’u, muummicha ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu waliin wal arguun Gaazaa daawwataniiru.
Kamisa kaleessaa Ministira Maallaqaa Israa’el fi hogganaa Paartii Ziyoonizimii Amantii mirga fagoo Bezalel Ismotrich waliin wal arganii turan.
Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa marsaan jalqabaa torban jahaaf Amajjii 19 irraa eegalee hojiirra kan oole yoo ta’u, waraanni duguuggaa sanyii Israa’el kan Falasxiinota 47,400 ol, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman ajjeesee fi Onkoloolessa 7, 2023 irraa eegalee namoota 111,000 ol madeesse dhaabsisee jira.
Erga walii galteen kun hojiirra oolee as hidhamtoota Falasxiin 290 deebisuuf hanga ammaatti booji’amtoonni Israa’el kudhan gadhiifamaniiru.
Hidhamtoonni Falasxiin biroo gara 110 ta’an Kamisa dhufu mana hidhaa Israa’el keessaa ba’uuf jiru.

