Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hogganaan UN karoora Gaazaa Tiraampiin dhiyaate marsaa 2ffaatti ce’uu simate

ONM-ABO Amajjii 16, 2026 

Qondaalli olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Kamisa kaleessaa Ameerikaan karoora dhukaasa dhaabuu Gaazaa marsaa lammaffaatti ce’uu ishee labsite simachuun, gargaarsi namoomaa ”gufuu malee” akka dhangala’u gaafataniiru.

“Gaazaatti, jalqaba marsaa lammaffaa dhukaasa dhaabuu US labsite nan simadha, gargaarsi namoomaa gufuu tokko malee yaa’uu akka qabu, dhukaasa dhaabuun guutummaatti hojiirra ooluu akka qabu irra deebi’ee nan ibsa,” jechuun barreessaan olaanaa Antooniyoo Guterees yaa’ii waliigalaa UN irratti, bakka bara 2026f dursa kennuuf qaban qoodaniiru.

Guteeres ”akkaataa seera idil-addunyaatiin furmaata mootummoota lamaa karaa duubatti hin deebine qulqullaa’uu qaba” jechuun cimsanii dubbataniiru.

Roobii dheengaddaa ergamaan Ameerikaa Isteev Wiitkoof waliigaltee dhukaasa dhaabuu marsaa lammaffaa akka qaama karoora qabxii 20 qabu Pirezidaanti Doonaald Tiraamp walitti bu’iinsa Gaazaa xumuruuf qaban keessaa tokko ta’uu beeksisaniiru.

Wiitkoof akka jedhanitti, marsaan lammaffaan bulchiinsa Falasxiin teeknokraatawaa ce’umsaa, Koree Biyyoolessaa Bulchiinsa Gaazaa (NCAG) hundeessuun, tattaaffii deebisanii ijaaruu naannoo marfamaa keessatti ni jalqaba. 

Guteeres itti dabaluudhaan ”bilisummaan dubbii fi iddoo lammummaa” akka kunuunfamu gaafataniiru, akkasumas mormii Iraan keessatti ”ukkaamsaa hokkaraan” taasifamaa jiru irratti yaaddoo guddaa akka qaban ibsaniiru.

“Dubartootaa fi shamarran addunyaa maraaf balbala carraa banuu qabna,” jechuun dabalaniiru.

Mormiin kun haala dinagdee hammaataa dhufeen kan geggeeffame yoo ta’u, dhuma baatii darbee Teehiraan keessatti kan eegalee magaalota biroo hedduu keessatti daddarbe. 

Jeequmsa kana gidduutti qondaaltonni Iraan Ameerikaa fi Israa’el waan “jeequmsa” fi “shororkeessummaa” jedhanii ibsan deggaru jechuun himataniiru.

Exit mobile version