Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

US Ameerikaan waliigalteen dhukaasa dhaabus Gaazaa keessatti akka dheeratu yaada yoo dhiheessitu, ergamaan naannichaa Hamaasiin akeekkachiisan

ONM-ABO Bitootessa 15, 2025 

US Ameerikaan yaada dhukaasa dhaabuu Ramadaana fi Faasikaa irra achi dheeressuuf dhiyeessuun yeroo dabalataa waraanni kun akka dhaabbatu mari’achuuf akka mijatu gochuuf kaasuu ishee Waayit Haawus Jimaata kaleessaa ibseera. Yeroon kana gidduutti booji’amtootni akka gadhiifamanii xumuraman akeekkachiisaniiru.

“Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Hamaas  hatattamaan booji’amtoota gadhiisuu yookaan gatii cimaa akka kaffalu ifa godhaniiru,” jedhan ergamaan Tiraamp Baha Giddu Galeessaa Isteev  Witkoof.

Yaadni Roobii darbe dhiyaate kun Hamas foormulaa kanaan dura waliigaltee irra ga’ame irratti hundaa’uun hidhamtootaaf jijjiirrachuu qaba jedha.

Kunis gargaarsa namoomaa gara Gaazaa akka seenu gochuuf dhukaasa dhaabuu marsaa 1ffaa babal’isuu of keessaa qaba. Kanuma waliin US waldhabdee kanaaf furmaata yeroo dheeraaf turu akka qabdu ibsi Witkoof fi Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa irraa bahe ni mul’isa jechuun Al Arabiyaa English gabaaseera.

Exit mobile version