Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Raashiyaan karoora nagaa Yukireen yoo didde ‘baay’ee nama gaddisiisa jedhu’ Donaald Tiraamp

ONM-ABO Bitootessa 14, 2025 

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Kamisa kaleessaa akka jedhanitti, Raashiyaan waldhabdee Yukireen waliin qabaniif  karoora nagaa dhiyaate yoo didde addunyaaf waan gaddisiisaa ta’a jedhan. 

”Bal’inni waliigaltee dhumaa baay’een qabatamaan irratti mari’atameera. Amma Raashiyaan achi jiraachuu fi dhiisuu ishee ilaaluuf jirra, yoo hin jiraannu ammoo addunyaaf yeroo baay’ee rakkisaa ta’a,” jedhan Tiraamp.   

Gargaaraan olaanaan imaammata alaa Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Kamisa kaleessaa akka jedhanitti, dhukaasa dhaabuun guyyoota 30f Ameerikaan waraana Yukireen keessatti gaggeeffamaa jiru dhaabuuf yaada dhiheessite humnoota Kiiv dirree waraanaa baay’ee barbaachisu keessatti boqonnaa akka argatan gochuu qofa akka ta’e Waashingitanitti himaniiru.

Raashiyaan walakkeessa bara 2024 irraa eegaltee fuulduratti tarkaanfachaa jirtuu fi prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waldhabdee Yukireen keessatti waggoota sadiif ture xumuruuf yaalaa jiru.

Ergamaan addaa Baha Giddu Galeessaa Traamp Isteev Wiitkoof Kamisuma kaleessaa mariidhaaf Moskoo galuu isaanii AFP fi Rooyitars gabaasaniiru.

Exit mobile version