ONM-ABO Waxabajjii 4, 2025
Kiremlin Kibxata kaleessaa marii Yukireen irratti bu’aa saffisaa eeguun dogoggora ta’uu ibsuteetti. Kunis mariin kallattiin Keev waliin taasifame marsaa lammaffaa booda ammas dhukaasa dhaabuu hin dandeenye.
“Dhimmi qubsumaa garmalee walxaxaa fi gargartee baay’ee kan of keessaa qabudha,” jechuun dubbi himaan Kiremlin Dimitrii Peskov ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, “furmaata hatattamaa fi bu’aa eeguun dogoggora ta’a” jedhan.
“Yeroo dhiyootti, Viladimir Putin, Voldamer Zelenskii fi prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gidduutti walgahiin “hin ta’u,” jechuun Peskov carraa wal arguu ilaalchisee ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, walgahiin akkanaa kan ta’uu danda’u erga mariisistoonni Raashiyaa fi Yukireen “waliigaltee” irra ga’anii booda qofa jedhan jechuun AFP’n gabaaseera.

