Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Moskoo bu’aa marii nagaa Istaanbul keessatti taasifame irratti quufa qabdi jedhan itti gaafatamaan jila Raashiyaa 

ONM-ABO Caamsaa 17, 2025 

Hoogganaan jila Raashiyaa fi gorsaan prezidaant Vilaadmiir Puutiin Vilaadmiir Medinskiin, Jimaata kaleessaa akka jedhanitti, Moskoo bu’aa marii nagaa Yukireen waliin Istaanbul keessatti geggeessiteetti quufa qabaachuu ibsan.

Meedinskiin ibsa gaazexeessitootaaf  kennaniin akka jedhanitti, bu’aa walgahii kanaatiin biyyootni lachuu hidhamtoota 1,000 akka wal jijjiiraniif waliigalaniiru.

“Walumaagalatti bu’aa qorannoo kanaatti quufnee quunnamtii itti fufuuf qophii taana, waan sadii irratti walii galleerra jedhan. 

Gareen Yukireen kallattiin hoggantoota biyyootaa fi jila Raashiyaa gidduutti mari’achuun ”gaaffii kana hubannoon fudhateera” jechuun dabalaniiru.

“Isa sadaffaa: Tokkoon tokkoon keenya mul’ata gara fuulduraatti dhukaasa dhaabuu danda’u dhiyeessuun bal’inaan akka ibsinu waliigalleerra,” jedhan.

Itti gaafatamaan jila Yukireen Rustem Umerov Istaanbul keessatti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, waliigaltee hidhamtoonni waraanaa jijjiirraa ”bu’aa ijoo walgahii kanaa” jechuun waamuun isaanii ni yaadatama jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version