Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Raashiyaan marii marsaa kanaa Puutiin, ergamaa Ameerikaa Witkoof waliin taasisan ‘Ijaarsa, faayidaa’ qabeessa jechuun dubbatte

ONM-ABO Ebla 26, 2025 

Raashiyaan Jimaata kaleessaa akka jettetti, mariin marsaa dhumaa pirezidaant Vilaadmiir Puutiin fi ergamaa pirezidaantii Ameerikaa Isteev Witkoff gidduutti taasifame “ijaarsaa fi faayidaa kan qabu” dha.

Gargaaraan Kireemlin Yuury Ushakov walgahii kana hordofuun Moskootti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, “Haasaan kun sa’aatii sadii geggeeffame, kunis ijaarsaa fi baay’ee faayidaa qaba ture jedhe.

Ushakov qaama jila Raashiyaa walgahii kana irratti hirmaate yoo ta’u, itti gaafatamaan Fandii Invastimantii Raashiyaa, Kirill Dimitriyev illee irratti hirmaataniiru..

Mariin Raashiyaa fi US sadarkaa adda addaatti taasifamu “haala sochii guddaa qabu” keessatti  gaggeeffamu itti fufeera jechuun, mariin Yukireen irratti godhamu keessumaa marii kallattiin Moskoo fi Keev gidduutti taasifamu deebi’anii jalqabuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.

“Haasaan kun ejjennoo Raashiyaa fi Ameerikaa walitti dhiheessuuf nu dandeessiseera, Yukireen qofa irratti osoo hin taane, dhimmoota idil-addunyaa biroo hedduu irrattis,” jechuun Ushakov dabalaniiru jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version