ONM-ABO Ebla 27, 2025
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Yukireen waliin marii nagaa gaggeessuuf qophaa’uu isaanii kan ibsan yoo ta’u, kanas kan dubbatan, kaleessa waraanni Raashiyaa naannoo daangaa Kursik deebisee qabachuu hordofeeti.
Akka dubbi himaan Kiremlin Dimitrii Peskov jedhanitti, Puutiin Jimaata darbe ergamaa addaa pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin walgahii taasisaniin mari’achuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.
”Wiitkoof waliin haasawa dheengadda, Vilaadmiir Puutiin, Raashiyaan marii Yukireen waliin haal-duree tokko malee marii deebitee jalqabuuf qophii ta’uu ishee irra deebi’anii dubbataniiru,” jechuun Peeskov ibsaniiru.
Yaadni Peskov kun kan dhufe erga waraanni Raashiyaa loltoota Yukireen keessaa isa dhumaa kan bara darbe Hagayya keessa naannoo Raashiyaa Kursik keessatti weerara tasa ta’e baasee ykn dhabamsiisee booda.
“Har’a, qubsumni dhumaa naannoo Kursik, ganda Gornal, humnoota Yukireen irraa bilisa ba’eera,” jechuun hogganaan Raashiyaa Valery Gerasimov Sanbata kaleessaa walgahii viidiyoo Puutiin waliin taasisaniin dubbataniiru jechuun Doochi Waleen gabaaseera.

