ONM-ABO Gurraandhala 14, 2025
Itti aanaan dura taa’aa Mana Maree Nageenyaa Raashiyaa humna guddaa qabu Dimitiri Medvedev Kamisa kaleessaa akka jedhanitti, waamichi Vilaadmiir Puutiin fi Doonaald Tiraamp gidduutti taasifame abdiin warra dhihaa kamiyyuu Raashiyaa injifachuuf qaban gonkumaa akka hin milkoofne agarsiisa.
”Biyya guddittii fi bulchaa olaanaa pilaaneetii kanaa hin jirtu, ta’uus hin danda’u,” jedhan Medvedev. “Barumsi kun hayyoota Ameerikaa of tuultota ta’aniin baratamuu qaba.”
”Jilbabbiitti nu fiduun hin danda’amu. Mormitoonni keenyas kana dafanii yoo hubatan gaariidha” jechuun Medvedev ibsan. Ministirri Ittisaa Ameerikaa Pete Hegset Kamisa kaleessaa gama isaaniin akka jedhanitti, prezidaant Doonaald Tiraamp waraana Yukireen ilaalchisuun hogganaa Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin taasisaniin lolli akka dhaabbatu gochuuf carraaqqiin godhan Yukureeniin ganuu akka hin taane beekamuu qaba jedhan.
”Kana keessatti gantummaa hin jiru. Addunyaa guutuunii fi Ameerikaan nagaa irratti invastimantii fi fedhii akka qaban beekamtiin kennameedha,” jedhan Hegset walgahii ministeerota ittisa NATO dura jechuun AFP’n gabaaseera.

