ONM-ABO Adoolessa 11, 2025
Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Kamisa kaleessaa NBC Newsitti akka himanitti, Wiixata dhufu Raashiyaa irratti “ibsa guddaa” akka kennan, bal’inaan osoo hin kennin ibsan.
Guyyoota asi dhiyoo kana, Tiraamp waraana Raashiyaan Yukireen keessatti geggeessitu irratti pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin irratti mufannaa sagalee dhageessisaniiru.
Wiixata Ibsa guddaa Raashiyaa irratti kennuu qaba jedheen yaada, jedhan Tiraamp balinaan osoo hin ibsine.
Tiraamp akkasumas meeshaa waraanaa Ameerikaa irraa erguun US, Michoota NATO fi Yukireen gidduutti waliigaltee haaraa akka tolchu NBC Newsitti himaniiru.
Meeshaalee waraanaa gara NATOtti ergaa jirra, NATOn ammoo meeshaa waraanaa sanaaf kaffalaa jira, 100%. Kanaafuu wanti nuti hojjennu meeshaan waraanaa gara NATO deemaa jiru, sana booda NATOn meeshaa waraanaa sana Yukireeniif kennuuf jira, NATOn ammoo meeshaa waraanaa sanaaf kaffaltii kaffalaa jira, jedhan Tiraamp.
Tiraamp erga aangootti deebianii yeroo jalqabaaf aangoo pirezidaantummaatiin meeshaa waraanaa gara Kyivtti erguuf kan jiru yoo ta’u, meeshaaleen kun doolaara Ameerikaa 300 akka ta’u himamaa jira.
Tiraamp Kibxata darbe akka jedhanitti, US meeshaa waraanaa dabalataa gara Yukireen erguun biyyattiin tarkaanfii Raashiyaa cimsitee akka ofirrraa ittistu akka taasisu himeera.
Paakeejiin kun misaa’ela ittisaa Paatriyaatotaa fi rookkeettiiwwan fageenya giddu galeessaa weeraraa ta’an of keessaa qabaachuu danda’a, garuu murteen meeshaa sirrii irratti kenname hin jiru jedhan maddeen.

