Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Raashiyaan karoora lola dhaabuu guyyoota 30 Yukireen waliin akka taasifamuuf dhiyaate Ameerikaa irraa dhaggeeffachuuf eegaan jira jetti

ONM-ABO Bitootessa 13, 2025 

Yukireen keessatti dhukaasa dhaabuuf yaada dhiyaate Raashiyaadhaaf fudhatama qabaachuu fi dhiisuu isaa yaada kennuu dura Kiremlin bu’aa marii Ameerikaa fi Yukireen Sa’uudii keessatti geggeeffame irratti Ameerikaan ibsa kennuu akka qabdu Roobii kaleessaa ibsite.

Yukireen Wiixata dheengaddaa yaada Ameerikaan Raashiyaa waliin dhukaasa dhaabuuf dhiheessite deggaruuf qophii ta’uu yoo ibsitu, Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon amma Ameerikaan yaada kana gara Raashiyaatti akka geessitu  dubbataniiru.

Dubbi himaan Kiremlin Dimitrii Peeskov akka jedhanitti Moskoon guyyoota itti aanan keessatti Ruubiyoo fi gorsaan nageenya biyyaalessaa Waayit Haawus Maayik Waltiz’n marii Kibxata Jiddaa keessatti Yukireen waliin mari’atan irratti ibsa akka kennan eegaa jirra jedhan.

Peeskov akkasumas bilbilli pirezidaantoota Vilaadmiir Puutiin fi Doonaald Tiraamp gidduutti bilbilamuu akka danda’u kan dubbatan yoo ta’u, yoo barbaachise baay’ee saffisaan qindaa’uu danda’a jechuun ibsuu isaa Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version