ONM-ABO Bitootessa 15, 2025
Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon Jimaata kaleessaa akka jedhanitti, Raashiyaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota 30 Ameerikaa fi Yukireen dhiyeessan fudhachuu qabdi.
Maakroon itti dabaluudhaan guyyuma kaleessaa muummicha ministeera Biriteen Keyir Istaarmer fi pirezidaantii Yukireen Volodaamer Zelenskii waliin haala kana irratti mari’achuu isaanii ibsaniiru.
Zelenskiin, haasaa viidiyoo halkanii irratti dubbataniin innii fi Maakroon “haala dippilomaasii, carraawwan jiran fi…roga teeknikaa dhukaasa dhaabuu to’achuu” irratti mari’achuu dubbatan.
Zelensky dhimmoota kana hunda keessatti “Faransaan irraa deeggarsa ifa ta’e qabna” jedheera jechuun Rooyiters gabaaseera.

