Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’el Maakroon Nagaan Yukireen ‘Wabii Nageenyaa cimaa fi amanamaa ta’e’ waliin dhufuu qaba jechuun ibse

ONM-ABO Guraandhala 18, 2025 

Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon Kibxata har’aa akka jedhanitti, nagaan Yukireen keessatti “wabii nageenyaa cimaa fi amanamaa ta’een waliin ta’uu qaba,” jechuun dubbatan. Dubbiin kunis kan dhaga’ame erga bilbilaan gita isaanii Yukireen Volodiyemiyr Zelenskiin waliin dubbataniin booda.

”Yukireen keessatti nagaa cimaa fi waaraa barbaannaa kan jedhan pirezidant Maakiroon, kana galmaan ga’uuf Raashiyaan weerara ishee xumuruu qabdis jedhan. 

Kunis Yukireeniif wabii nageenyaa cimaa fi amanamaa ta’een waliin ta’uu qaba,” jechuun Maakroon miidiyaa hawaasummaa irratti hooggantoota Awurooppaa waliin Paaris irratti marii  ariifachiisaa geggeessan hordofuun kan dubbatan ta’uu Ajaans Firaans Pirees gabaaseera.

Mareen araaraa Yukireenii fi Raashiyaa gidduutti Ameerikaan Sa’udi Arabiyaatti torban dhufu geggeessuuf deemtu kun Yukireeniinis ta’e Awurooppaanota biroon ija shakkiin ilaalamaa kan jiru yoo ta’u, kunis Yukireenis ta’e biyyootni Awurooppaa biroon Pirezidaantiin US Ameerikaa haaraa filataman Doonaald Tiraamp bilbilaan Pirezidaantii Raashiyaa Puutiin duran kan Yukireeniif bilbiluutu irra ture jechuun michuu Awurooppaannota US’n komaachaa fi ija shakkiin ilaalaa jiru.

Exit mobile version