Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hoggantoonni Awurooppaa dhimma Yukireen irratti Paarisitti Walgahiidhaaf walitti qabaman

ONM-ABO Bitootessa 28, 2025 

Hooggantoonni Awurooppaa Kamisa kaleessaa walgahii “walta’iinsa fedhii” jedhuuf Paarisitti walitti qabamuun deeggarsa waraanaa fi wabii nageenyaa Yukireen irratti mari’ataniiru.

Pirezidaantiin Yukireen Voldaamer Zelenskii, Chaansilarri Jarmanii Olaf Iskoolz, Ministira Muummee Biriteen Keer Istaarmer, itti aanaa pirezidaantii Turkii Seevdeet Yilmaaz, pirezidaantii Ispeen Pedroo Saancheez, muummee ministeeraa Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelonii fi Ministirri Muummee Poolaandi Doonaald Tuuskiin hoggantoota walgahii masaraa Elisee irratti argaman keessaa tokko turan.

Pirezidaantiin Komishinii Awurooppaa Ursulaa von deren, Pirezidaantiin Mana Maree Awurooppaa Antoniyio Koostaa fi barreessaan olaanaa NATO Maark Ruutee walgahii kana irrattis hirmaataniiru.

Mariin kun bakka Yukireen marii Raashiyaa waliin qabdu cimsuu fi Awurooppaan waliigaltee nagaa ta’uu dandeessu bocuu keessatti sagalee akka qabdu gochuuf kan yaadameedha.

“Kaayyoon Yukireen haala jiru lafa irra akka turtu fi weerara Raashiyaa akka mormu hayyamuudha, nagaa waaraa argachuuf qaamolee amanamoo ta’an ijaaruudha,” jechuun pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon Roobii galgala Zelenskyy waliin ibsa waloo kennaniin dubbatan.

“Murtee haaraa fi cimaa tokko tokko eegaa jirra. Marii wabii nageenyaa fi Yukireeniif michuu ta’an irratti argamuun gara fuulduraatti tarkaanfachuu qabna,” jechuun Zelenskiin dabalaniiru.

Erga bulchiinsi Ameerikaa haaraan imaammata Yukireen irra qabu jijjiirratee hirmaannaa Awurooppaa malee Raashiyaa waliin kallattiin marii jalqabee as walgahiin akkanaa kun isa sadaffaadha jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version