ONM-ABO Bitootessa 6, 2025
Prezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon pirezidaantii Yukireen Volodamer Zelenskii fi muummicha ministeera UK Keyir Istaarmer waliin ammas gara Waashingitanitti imaluuf yaadaa jiraachuu dubbi himtuun mootummaa Soofii Pirimas Roobii kaleessaa dubbataniiru.
Pirimas walgahii torban torbanii kaabinee Faransaayiin booda gaazexeessitootaaf haasaa taasisaniin himaniiru.
Muummichi Ministeeraa Hangarii Viktor Orban Roobii darbe, walgahiin Gamtaa Awurooppaa tarkaanfii waloo deeggarsa Yukireen irratti fudhachuuf kaayyeffate guyyaa tokko dura, pirezidaantii Faransaay Emmanuel Macron waliin wal arguuf akka jiran dubbataniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

