Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Tiraamp waraana Yukireen irratti mari’achuuf Puutiin waliin wal arguu akka barbaadu dubbatan

ONM-ABO Muddee 23, 2024 

Pireezidaantiin Ameerikaa filatamaan Doonaald Tiraamp Dilbata kaleessaa akka jedhanitti, preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin waraana Yukireen irratti mari’achuuf hatattamaan isaan waliin wal arguuf fedhii akka qaban ibsaniiru.

Tiraamp haasawa Arizoonaa keessatti taasisaniin, ”Pireezidant Puutiin dafee na waliin wal arguu qaba jechuun dubbataniiru.

”Kana eeguu qabna, garuu waraana sana xumuruu qabna. Waraanni sun suukaneessaa, suukaneessaadha,” jechuun dabalaniiru.

Tiraamp duula filannoo pirezidaantii ta’uu yeroo lammataa taasisan hunda keessatti, yoo filataman sa’aatii 24 keessatti waraana Yukireen keessatti akka xumuran irra deddeebi’anii waadaa galaniiru.

Tiraamp baatii Amajjii keessa gara Waayit Haawusitti deebi’uuf jiru.

Jalqaba baatii kanaa Tiraamp prezidaantii Yukireen Volodimir Zeleniski fi pirezidaantii Faransaay Imaanu’eel Maakroon waliin Paaris keessatti wal arganii turan jechuun BBC’n gabaaseera.

Exit mobile version