ONM-ABO Bitootessa 11, 2025
Ergamaan addaa pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp Isteev Wiitkoof, daawwannaa gara Moskootti taasisuun pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin wal arguuf karoorfachuu isaanii namoonni lama karoora kana ilaalchisee Wiixata kaleessaa ibsaniiru.
Akka seeraatti ergamaa Tiraamp Baha Giddu Galeessaa kan ta’an Wiitkoof, waraana Yukireen waggoota sadiif turetti xumura gochuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gahee guddaa ba’achaa jiru. Namootni maqaan isaanii akka hin dhahamne barbaadan, Wiitkoof Puutiin waliin mari’achuuf gara Moskoo akka deemu gabaasa Bloomberg News baase mirkaneessaniiru.
Tiraamp Puutiin waliin wal arguuf fedhii akka qaban kan ibsan yoo ta’u, erga baatii Amajjii keessa aangoo qabatanii as hariiroo bulchiinsi Baayiden duraanii Raashiyaa waliin qabu fooyyessuuf tattaaffii taasisaa turaniiru.
Gama biraatiin ammoo Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Maarkoo Ruubiyoon Kibxata har’aa dhimma waraanichaa ilaalchisuun qondaaltota Yukireen waliin mari’achuuf jila gara Sa’uudii Arabiyaatti geggeeffamu hogganaa jiru.
Qondaaltonni Ameerikaa walgahii kana gartokkoon fayyadamuun Yukireen waraana kana xumuruuf Raashiyaan waan qabatte kennuu fi dhiisuu ishee murteessuuf karoorfataniiru jedhan qondaaltonni Ameerikaa lama jechuun Rooyitars gabaasa har’a baaseen gabaaseera jira.

