Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Tiraamp fi Puutiin Yukireen keessatti haleellaa anniisaa irratti geggeeffamu dhaabuu irratti walii galu Waayit Haawus ibse

ONM-ABO Bitootessa 19, 2025 

Prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Kibxata kaleessaa pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Traamp waliin ta’uun anniisaa fi bu’uuraalee Yukireen rukutuu akka dhaabsisan irratti walii galaniiru jedha Waayit Haawus. Doonaald Tiraamp waraana Moskoo fi Kiiv gidduutti geggeeffamaa jiru dhaabuuf yaalaa jira.

“Dhiigaa fi qabeenyi Yukireen fi Raashiyaan waraana kana keessatti baasan fedhii ummata isaanii irratti baasuun gaarii ta’a,” jechuun Waayit Haawus ibsa maree bilbilaa Tiraamp fi Puutiin booda ibsa laateen.

“Hoggantoonni kun sochiin nagaa dhukaasa anniisaa fi bu’uuraalee misoomaa dhaabuu akka jalqaban, akkasumas mariin ogummaa hojiirra oolmaa dhukaasa Galaana Gurraacha, dhukaasa dhaabuu guutuu fi nagaa dhaabbataa irratti taasifamuun akka jalqabu waliigalaniiru,” jechuun kan dubbate Waayit Haawus itti dabaluudhaan, mariin kun battalumatti Baha Giddu Galeessaa keessatti jalqabaa jedha.

Bilbilli kun naannoo sa’aatii lamaa akka ture qondaaltonni Ameerikaa himaniiru.

Yukireen erga Waraana Addunyaa Lammaffaa booda waldhabdee guddaa Awurooppaa keessatti kan keessummeessite yoo ta’u, wal dhabdee kanaan namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman kan ajjeefaman ykn madaa’an, miliyoonaan buqqa’aniiru, magaalonni gara caccabaattis jijjiiramaniiru jechuun Al Arabiyaan gabaaseera.

Exit mobile version