Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

US Ameerikaan, Raashiyaa fi Yukireen nageenya doonii galaana gurraacha irratti walii galu dubbatte

ONM-ABO Bitootessa 26, 2025 

Ameerikaan Kibxata kaleessaa Yukireen fi Raashiyaa waliin waliigaltee nageenya galaana gurraacha ssochii yabala nageenya qabu gochuu fi uggura biyyoonni lamaan dhaabbilee anniisaa walii isaanii irratti raawwatan hojiirra oolchuuf akka jirtu ibsiteetti.

Waayit Haawus ibsa baaseen, Waashingitan gabaa addunyaa al-ergii qonnaa fi xaa’oo addunyaatti deebisuuf kan gargaaru yoo ta’u ibsuun, nagaa itti fufiinsa qabu galmaan ga’uuf  gama lachuutiin haala mijeessuu itti fufti.

Ibsi Waayit Haawus kun “Mootii Gonfoo Mohaammad Bin Salmaan mariiwwan barbaachisoo mootummaa Sa’uudii keessatti taasisan kana haala mijeessuuf galata guddaa qaba” jedheera.

Waliigalteewwan kun yoo hojiirra oolan, Waashingitan waraana Raashiyaa waggaa sadii Yukireen keessatti geggeeffame xumuruuf gara marii nagaatti tarkaanfii tokko akka ta’etti fudhachuun gara  dhukaasa dhaabuu bal’aa ta’etti akka guddatu feeti 

Ministirri Ittisaa Yukireen akka jedhanitti, Kiiv bu’uuraalee anniisaa walii isaanii irratti Raashiyaa fi Yukireen haleellaa dhaabuuf walii gallee jirra jedha.

Waraanni kun dafee akka dhaabbatu waadaa Pirezidaanti Doonaald Tiraamp galmaan ga’uuf, US jalqaba irratti dhukaasa dhaabuu guyyoota 30 guutuu yaada dhiyeessite – kan Yukireen Bitootessa 11 qajeelfama irratti walii galte turte hordofuun mariin bal’aan kun geggeeffamuu Al Arabiyaa fi Rooyiters gabaasaniiru.

Exit mobile version