Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hamaas yaada haaraa Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuu ergamaan addaa US Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa Witkoof dhiyeesse qorachaa jirra yoo jedhu, Israa’el fudhatteetti

ONM-ABO Caamsaa 30, 2025 

Hamaas Kamisa kaleessaa yaada haaraa ergamaan addaa Baha Giddu Galeessaa US Ameerikaa Isteev Witkoof Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuuf dhiyeessan ilaalaa akka jiru yoo ibsu, Witkoof garuu fudhatamummaa isaa irratti abdii guddaa akka qabu dubbateera.

“Hoggansi sochii Hamaas yaada haaraa Witkoof gidduu galeessota irraa fudhateera, yeroo ammaa itti gaafatamummaadhaan qorachaa jira, haala dantaa ummata keenyaa tajaajiluun, boqonnaa kennuu fi Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuu dhaabbataa galmaan ga’uun,” jechuun gareen hidhattoota Falasxiin ibsa kennaniin dubbataniiru.

Muummichi Ministeeraa Benjamin Netanyahuun gama isaaniin maatii booji’amtoota Gaazaa keessa jiranitti Israa’el yaada Witkoff’s dhukaasa dhaabuuf dhiyeesse akka fudhatte himaniiru jechuun miidiyaaleen gabaasaniiru.

Exit mobile version