Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gujii Lixaa Aanaa Surroo Barguddaa keessatti waraanni maafiyaan PP Uummata Oromoo meeshaalee gurguddaa fi summiidhaan miidhaa irraan gahaa jiraachuun himame 

ONM-ABO Gurraandhala 3, 2025 

Waraanni maafiyaan PP  godina Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa ganda Carii Saganii keessatti uummata meesha maleeyyii haalli jiruu fi jireenyaa Burjaajjessaa jiru, qe’ee fi qabeenyaa isaa irratti miidhaa ulfaataa raawwachuu itti fufanii jiru.

Aanaa Surroo Barguddaa ganda Carii Saganii iddoo addaa Okkotee jedhamu keessatti waraanni maafiyaan PP meeshaalee gurguddaa fayyadamuun qabeenyaa uummataa jalaa balleessuu maddeen Arraata Biyyolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen jedhanitti meeshaalee gurguddaan kanneen akka ZU-23 fi Moorteraa guyyuu qe’ee jiraattotaa irratti kan dhukaafamaa jiru ta’uu himuun, Guraandhala 1, 2025 mooraa loonii keessa bu’uudhaan nama maqaan isaa Ejersa Guyyee Abbaa Geeloo jedhamu jalaa jabbiilee 4 battalatti akka ajjeeses ibsameera.

Kana malees  sirni bututtuun PP abdii kutate kun ganduma Carii Saganii iddoo uummanni bishaan dhuguu fi loon isaa obaafatuttis Summii madda bishaaniitti naquun miidhaa lubbuu namootaa fi horii irraan gahuun ibsameera.

Lageen akka Xixxiixaa fi Laga Ifitowaa jedhamu hundaatti Summii  naquudhaan hanga hardhaatti bineensonni bishaan keessa galan hundinuu dhumuu fi uummanni sababa faalama maddeeniif bishaan dhugaatii dhabee rakkachaa jiraachuun ibsameera.

Dabalataanis naannoo gaara Xixxiixaa keessaa kaloo Xixxiixaa jedhamuun beekamu bakka uummanni loon itti bobbaafatus maqaa WBO’tu keessa jiraata jedhuun lukkeeleen Bilxiginnaa ibidda itti shidanii barbadeessuun ifoomeera.

Exit mobile version