Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa fi Dugdaa Daawwaatti waraanni koloneel Abiy Ahimed uummata ganda shanii buqqisuun dhaga’ame 

ONM-ABO Muddee 31, 2025 

Godina Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaatti gaafa Muddee 22, 2025 irraa eegalee sababa Waraana Bilisummaa Oromoo dhabamsisuu jedhuun dura uummata buqqisuun teessoo loltoota kanneenii dhabamsisna jedhu dahoo godhachuun loltoonni murna garboomfataa PP gandoota shan irraa qonnaan bultoota buqqisuun manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa afuris cufsiisuun ibsameera.

Uummanni kunneenis gandoota gurguddaa shanan maqaan isaanii:

  1. Waleensaa Bokoksaa,
  2. Carii Saganii,
  3. Dambalaa Haroo Quufaa,

aanaa Dugda Daawwaatii ammoo ganda:

  1. Biyyoo Qunnii fi
  2. Carii Sorraalee 

irraa akka buqqisan jiraattonni dabaluun addeessaniiru.

Jiraattonni gandoota kanneen irraa buqqifaman qabeenya isaanii ooyiruu gubbaatti dhiisuun midhaan callaa dabalatee hedduunis jalaa manca’aa jiraachuun kan himamu oggaa ta’u, kana malees beeyladoonni bakka bishaan dhugan dhabuun gariin lubbuun darbuu fi bineensi nyaachaa akka jiru dubbatu.

Kana malees manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa gandoota kanneen irraa guyyaa uummanni buqqa’ee kaasee barnoonni addaan citeera.

Manneen barnootaa adeemsi baruu fi barsiisuu keessatti dhaabbatee jirus muraasni maqaan nu gahe:

  1. Mana barumsaa Okkotee kan ganda Carii Saganii keessatti argamu,
  2. Mana barumsaa Bibbichuu ganda Carii Saganiitti argamu,
  3. Mana barumsaa Beerree ganda Carii Sorraalee keessatti kan argamu fi
  4. Mana barumsaa Darbaa akka ta’aan jiraattonni ifoomsaniiru.

Qabeenyi uummataa addaattuu boqolloo, dammaa fi kanneen biroos jalaa guurrachaa akka jiran jiraattonni haala ulfaataa keessa taa’uun yaada isaanii Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf qoodaniiru.

Exit mobile version