Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagalootti ergamtoonni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa saamichaa fi hidhaan dararuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Gurraandhala 3, 2025 

Aanaa Waamaa Hagaloo bakkeewwan addaa addaatti ergamtoonni sirnichaa qabeenya maatii qabsaa’otaa irratti saamicha hammeessuun, ganda Goossanii Baabboo jedhamu irraa Gurraandhala 1, 2025 Obbo Rabbumaa Taaddasee nama jedhamu jalaa midhaan inni qabu hunda konkolaataa lamaan fe’atanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti Obbo Rabbumaan siyaasa kam irraa bilisa ta’uu himuun, innis maqaa ilma keetu miseensa WBO’ti jedhuun miseensota maatii isaa hunda waliin baatii dheeraaf hidhamee dararamaa jiraachuu dubbatu.

Akkuma aanichaatti dararaan bifa adda ta’een maatii qabsaa’otaa irratti haala duraan barameen olitti jabaatee itti fufuun, yeroo ammaa miseensonni maatii qabsaa’otaa tokko osoo manatti hin hafin qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqifamuun baatii dheeraaf gaaffii seeraa tokko malee hanga ijoolleen keessan bosonaa galanitti hin baatan jedhamuun hidhamanii hiraarfamaa kan jiran ta’uu yeroo darbe isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version