ONM-ABO Gurraandhala 5, 2025
Yeroo ammaa Oromiyaa guutuu keessatti bilisa ta’anii socho’uun ugguramee kan jiru ganamaa hanga galgalaatti namootni akka hin sochooneef loltoonni faashistii PP daandiitti ba’uun ati deggaraa WBO’ti jedhanii namoota nagaa saamuu fi hidhuu cimsanii itti fufuun aanaalee godina Arsii Bahaa kanneen akka Sirkaa, Muuneessaa, Booqojjii, Asakoo fi kanneen birootti qonnaan bultoonni ba’anii galuun haalaan cimee akka jirus ONM’f eeraniiru.
Aanaa Sirkaa ganda Xarreetaa Sadiitti hawaasni bittaa fi gurgurtaaf gabaatti ba’an loltoota faashistii Abiy Ahimediin ugguramuun qarshii kuma digdamaa hanga kuma jaatamaatti (20,000-60,000’tti) kaffalaa akka jiranis ibsameera.
Kana malees, yeroo ammaa kanatti namootni gamtaan akka hin sochoone, akka wal hin geenyee fi namoonni lamaa ol ta’anii yoo argaman akka qabamanii hidhaman ajajni kennamuu isaa maddeen ifoomsaniiru.

