Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti loltoota sirnichaan harmeen tokko hidhamtee garmalee reebamuun du’aa fi jireenya gidduu jiraachuun himame 

ONM-ABO Guraandhala 4, 2025 

Aadde Amoo Dheeressee kan jedhamtu jiraattuu aanaa Harxummaa Fursee Qorii ganda Raasaa Doddotii kan taate haadha ilmaan lamaati, isheenis baaburri midhaanii baadiyyaa aanichaa ganda Qoriitti daaku guutummaatti hidhattoota sirnichaan waan cufameef magaalaa Furseetti daakkachuuf kaleessa Amajjii 2, 2025 harree lamaan midhaan  fe’attee wayita magaalicha baatu ergamtootni murna Bilxiginnaa daandii irratti eeguun harree lamaan midhaan ardaba lamaa waliin harkaa fudhachuun garmalee reebaa mana hidhaatti darbatan.

Aadde Amoo erga hidhaniis mana hidhaa keessatti  halkan reebicha suukkanneessoo irratti raawwataniin of wallaaltee dubbachuu kan hin dandeenye yoo taatu, gara jabeeyyiin Bilxiginnaa kunneen iddoo isheen kuftee kaasanii mana yaalaa geessuu osoo qabanii, guyyaa har’aa dirqamaan hojii mooraa mana hidhaa sana keessaa poolisootaaf akka hojjettu dirqisiisanii jiraachuun barameera.

Hidhattootni sirnichaa kun amma duras Amajjii 26, 2025 Aadde Amoo Dheeressee obboleettii ishee Kaddoo Dheeressee waliin sobaan yakkanii maqaa WBO deggartu jedhuun hidhamtee turuu akkuma gabaasaa turre, guyyoota muraasaaf hidhanii gadi lakkisuun yeroo ammaa ammoo marsaa 2’ffaaf sobaan yakkanii hidhuun gochoota dabaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version