Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Bilxiginnaa Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessatti namoota nagaa lama ajjeesuun dhaga’ame

ONM-ABO Gurraandhala 6, 2025 

Murni gara laafina tokko illee uummata Oromoof hin qabne Bilxiginnaan, loltoota isaa kumaatamaan golee Oromiyaa cufa keessatti bobbaasuun hawaasa nagaa xiqqaa fi guddaa, beekaa fi wallaalaa akkasumas jaarsaa fi jaartii osoo hin jenne namuma dhiigni isaa Oromoo ta’e hunda maqaa garaa garaa itti maxxansuun yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne irratti raawwachaa jira.

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Dhalaaduu Waabaraa keessaa Gurraandhala 4, 2025 namoota maqaan isaanii: 

  1. Halkanoo Tasfaa fi 
  2. Abboomaa Wandimmuu Shabbir jedhaman 

badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasan.

Namoonni kunneen abbootii maatii kan ta’anii fi hirmaannaa siyaasaa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne yoo ta’an, Oromummaa qofaan yakkamuun akka ajjeefamanii fi egereen sabichaas yaaddoo hamaa keessa akka jiru kan himan jiraattota aanaa Begiiti.

Exit mobile version