Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Haleellaa RSF komatameen booda ganda Sudaan irraa kumaatamaan baqatan 

ONM-ABO Gurraandhala 11, 2025 

Maatiin kumaatamaan lakkaa’aman ganda bulchiinsa Sudaan Kaaba Daarfur keessatti argamu baqachuu isaanii Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Wiixata kaleessaa hime.  Dhaabbatichi ibsa kana kan kenne erga haleellaan humnoota deggersa saffisa waraanaa raawwatame jedhamuun himatamee booda.

Tilmaamaan “Maatii 8,000 Ganda Salomaa fi naannoo ” kibba magaalaa guddoo kutaa biyyattii El-Fasher irraa Jimaataa fi Sanbata darbe buqqa’uu dhaabbati godaansa idil-addunyaa UN’ ibseera.

RSFn Jimaata darbe salomas haleeluu isaa dubbi himaan garee hawaasa siivikii Ahmed Rejal himeera.

Torbanneen darban keessa haleellaa naannoo El-Fasher cimee jiruun, mooraan buqqaattotaa hongee cimaa fi milishoota waraana irratti hirmaatan waliin qabsaa’aa jirti.

Salomaa keessatti yeroo lolaa “manneen gandaa gubataniiru” jedhan Rejal.

Waraanni kun namoota kuma kudhaniin lakkaawaman kan ajjeese yoo ta’u, miliyoona 12 buqqisee jira.

Kaaba Daarfuur qofatti miiliyoonni 1.7 kan buqqa’an yoo ta’u, miiliyoonni lama ammoo tasgabbii dhabuun  garmalee akka isaan mudatu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii.

Beelli duraanuu kaampii buqqa’iinsa sadii naannoo El-Fasher – Zamzam, Abu Shouk fi Al-Salam – qabachuun, hanga Caamsaatti El-Fasher dabalatee naannoo shan dabalataatti ni babal’ata jedhamee eegama jechuun AFP’n gabaaseera.

Exit mobile version