Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa Aanaalee addaa addaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa wal dararuu fi dargaggoota ammoo maallaqaan gowwomsuun gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Gurraandhala 12, 2025 

Bulchaa godina Jimmaa Obbo Tijjaanii irraa eegalee hanga bulchitoota aanaatti, hojjettoonni seektaroota garaa garaa irra isaan jala jiran gabaasa raawwii hojii idilee isaanii hoggaa dhiheessan, gabaasa sobaa itti dabalanii hin gabaasan yoo ta’e “rakkoo gabaasaa qabdu” jechuun gidirsaa jiraachuu maddeen amanamoon keessoo Bilxiginnaa godina Jimmaa irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Fakkeenyaaf, magaalaa tokko keessatti hawaasni tajaajila bishaan dhugaatii torbanitti si’a tokko argata yoo ta’e, hojjetaan waajjira bishaanii ammoo “uummanni tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu guyyaa guyyaan argachaa jira” jechuun, osoo hanqina bishaan dhugaatiin uummatni dhibee daddarbaaf saaxilamaa jiruu faallaa isaa dirqamaan soba gabaasuu qaba. Yoo bifa kanaan hin gabaasu ta’e hojjetaa sana carraa hojii idilee irraa geggeeffamuutu isa eeggata jechuun maddeen himan.

Godinuma kana aanaalee garaa garaa keessatti ammoo dargaggoota qaala’iinsi jireenyaa joonjessee jireenya itti hadheesse sossobanii hanga qarshii 10,000’tti jalqaba kana harkatti isiniif kennina jechuun goyyomsanii gara leenjii waraana Bilxiginnaatti ergaa kan jiran yoo ta’u, kanneen qarshiin sossobamuufii didan ammoo galgala sa’a 2:00 booda daandii irratti yoo argan humnaan ukkaamsuun gara leenjiitti geessaa jiraachuun eeramee jira.

Exit mobile version