Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa bulchiinsa Magaalaa Shaambuu manneen barnootaa sadarkaa 1’ffaa keessatti saamichi hammaachuun ibsame 

ONM-ABO Gurraandhala 14, 2025 

Aadaa barnootaa keessatti barattootaaf ulaagaaleen barnootaa cufti guutamee, hojiileen baruu fi barsiisuu boqonnaa sammuu gaariin kan kennamu oggaa ta’u, barattoonni bifa kanaan barnoota isaanii geggeessanis qabxiilee gaarii fiduun biyyaaf abdii fi gaaddisa ta’u.

Haa ta’uu malee impaayerri Itiyoophiyaa bakka gubannaa fi ilmi namaa abdii keessatti kutatu ta’uun caasmaleeyyiin Bilxiginnaas seektaroota barnootaa dabalatee kanneen siyaasa waliin hin deemnetti siyaasa isaanii hidhuun gidirfama ulfaataa barattoota irraan ga’uu cimsuun godina Horroo Guduruu Wallaggaa bulchiinsa Magaalaa Shaambuutti rakkoo ulfaataan barattoota irra ga’aa jiraachuun beekameera. 

Keessattuu saamichi bifa qindaawwaan kaffaltii buusaa Gonofaa, ispoortii fi nyaata milishaa jechuun midhaan gosa adda addaa irraa guuraa kan jiran oggaa ta’u, manneen barnootaa sadarkaa 1’ffaa bulchiinsa magaalaa Shaambuu keessatti argaman hedduu keessaa barataan tokko dirqamaan midhaan kubbaayyaa 10 fi maallaqa callaa kaffalaa jiraachuun ibsameera.

Karoora namoota dararuu kana ammoo Bilxiginnaa irraa fuudhanii ittiin kanneen barattoota dararaa jiran qindeessota manneen barnootaa ta’uun barameera.

Exit mobile version