Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Bilxiginnaa Horroo Guduruu Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Shaambuu keessatti barattoota irratti saamicha geggeessaa jiraachuun barame

ONM-ABO Ebla 17, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Bulchiinsa Magaalaa Shaambuu keessatti ergamtoota impaayerattiin saamichi daangaa darbe, kan naga’ee hin qabne barattoota irratti geggeeffamu hammaachuun, tokkoon tokkoon barattootaa qarshii 150 kaffaluu akka qaban kaadireen PP murteessuun hoogganttoonni manneen barnootaa sanaas ajaja murna balfamaa kanaa raawwachuuf barattoota mana barumsaa sanaan dirqamaan kaffaluu qabdu yoo hin kaffaltan taatan ni ari’amtu jechuun doorsisaa jiraachuu maddeen ONM’f eeran.

Ilmaan Oromoo barnootaan ala godhee dhimma itti ba’uu kan addeeffate faashistichi guddisa habashootaa koloneel Abiy Ahimed guyyuu goolessitoota ergamtoota isaa ilmaan Oromootti duulchisuun qonnaan bultoota, daldaltootaa fi hojjetoota mootummaa kan inni saamaa jiru itti xiqqaannaan gama tokkoon maatii isaanii afaan qawween saamaa yeroo ammaa kana ammoo barattoota ofiifuu harka maatii isaanii eeggatan doorsisuun saamicha irratti geggeessaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasanii jiru.

Karaa ittiin uummata dadhabsiisanii gara qileetti gatan malee, karaa ittiin mirga uummataa kabajanii kabachiisan kan hin hordofnee fi hin beekne jaleewwan murna PP garaa isaanii qofa guuttachuuf jecha afaan qawwee uummatatti galagalchuun dararaa hamtuu agarsiisaa jiraachuun beekamaadha.

Exit mobile version