ONM-ABO Gurraandhala 15, 2025
Seenaa uummata Oromoo keessatti dacheen Oromiyaa humnoota Kaaba impaayerattiin baroottan dheeraaf weerarri lafaa fi qabeenyaa irratti taasifamaa hanga har’aatti kan ga’e oggaa ta’u, mootoliin dhufaa darbaan jibbiinsa sabichaaf qaban ifaaf ifatti labsuun Oromummaa hadheeffatanii ilaalaa har’a ga’aaniiru.
Sirni kaleessa harkaa fi harma uummata Oromoo mure ifatti har’as dachee Oromiyaa falmaa kan jiru godinaalee Oromiyaa Baha Wallaggaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Lixa Shaggarii fi Kaaba Shaggaritti kutaa waraaanaan ijaaramuun sochii duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachuuf adeemsa irra jiraachuu maddeen ONM’tti himaniiru.
Meeshaalee waraanaa tumsa murna Bilxiginnaa irraa argatuun lola sanyummaa labsee kan jiru gareen finxaaleeyyii Amaaraa kunneen hojiilee hamminaa namoota ukkaamsuun qarshii hanga miliyoonotaatti gaafachuu, maallaqa callaa saamuu fi beeyladoota uummataa saamee gara Naannoo Amaaraatti guuruuf kutannoo fi deggersa murna Bilxiginnaan qe’ee uummata Oromootti bifa addaan duula taasisaa jiraachuun uummaticha yaaddoo ulfaataa keessa galchee jiraachuun ifoomeera.

