ONM-ABO Gurraandhala 19, 2025
Aanaa Horroo Bulluq ganda Abbillee Igguu jedhamu irraa jaleewwan Bilxiginnaa qabeenya hawaasaa saamuun dinagdee dhuunfaa isaanii gabbifatan Guraandhala 15, 2025 namoota maqaan isaanii Tashoomaa Takkee fi Dabalaa Koorsaa jedhaman “ni shakkamtu” jechuun bilbila harkaa isaanii jalaa saamuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Kana malees, maqaa adda addaa itti maxxansuun sobaan hawaasa yakkanii dararuu kan amaleeffatan loltoonni faashistii PP maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun namoota maqaan isaanii Korree Damee fi Eebbisaa Baqqaanaa jedhaman badii tokko malee reebicha ulfaataa qaama laalessu irraan gahanii deemuun dabalataan ibsameera.
Aanaadhuma kana ganda Ashaayyaa Daaddoo jedhamu keessaa guyyaadhuma kana namoota maqaan isaanii; Gaaddisaa Lataa fi Fayyoo Darajjee kanneen jedhaman irraa sababa tokko malee bilbila harkaa saamanii deemuun, nama Darajjee Dabalaa jedhamu immoo garmalee reebuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

