ONM-ABO Gurraandhala 20, 2025
Erga warraaqsa uummata Oromoo butee aangootti ba’e murni Bilxiginnaa akkaataa ittiin aangoo irra turuu danda’u baafachuun uummata irratti lola geggeessaa kan jiru yoo ta’u, lola lammiilee isaa ittiin duguugaa jiru kanaaf ammoo milishootaa hanga waraana idileetti ijoolleedhuma hawaasa waraana PP du’aa jiranii dirqiin qabuun leenjisaa jiru.
Bara dhufaa darbaan uummata Oromoo cunqursaa kan as gahee fi hanga har’aattillee kan hacuucaa jiru murni garboomfataan Impaayerattii ilmaan Oromoo irratti gochoota gara jabinaa fi suukkanneessaa adda addaa guyyuun raawwachaa oola.
Bifuma kanaan utubdoonni sirna nama nyaataa PP uummata nagaa kallattii maraan dararuu cimsanii itti fufuun, uummata Oromoo akka bineensaatti ari’anii kaan rasaasaan ajjeesaa, kaan immoo afaan qawwee isaan harka jirutti dhimma bahuun adamsanii maqaa milishaa taatu jedhuun guuraa jiraachuu jiraattonni ONM’f eeranii jiru.
Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo bulchiinsa magaalaa Seertum bakka addaa Fincaa’aa jedhamu keessaa jiraattota hedduu milishaa taatu jechuun ukkaamsanii jiraachuu maddeen OMN’tti himanii jiru.
Akka maddeen jedhanitti, jiraattonni maqaa milishummaaf ukkaamfaman kunneen baadiyyaa iddoo lafa qonnaa isaaniitii kan qabaman ta’uun addeeffameera.
Ganduma kana bakka Finca’aa fi Onkobor jedhamu keessatti Guraandhala 15, 2025 loltootni Bilxiginnaa qawwee hawaasa irratti dhukaasuun uummata gabaa Sanbataa deemaa ture leenjiif qabaa turuun ni beekama.

