ONM-ABO Gurraandhala 25, 2025
Murni garboomfataan impaayerattii akka waan nageenya hawaasaaf dhaabbatuutti karaa miidiyaalee dhuunfaa isaa soba afuufaa oolus, faallaa isaa immoo nageenya hawaasaaf yaaddoo guddaa ta’uun waraana isaa Oromiyaa guutuutti bobbaasee yakkoota ijaaf gurra namaatti hin tolle uummata meesha maleeyyii irratti raawwataa oola.
Gurraandhala 23, 2025 jaleewwan PP aanaa Liiban Jaawwii ganda Agalgobboo Basaallee keessaa maqaa “obboleessa keessantu hidhatee bosona jira” jedhuun obboloota 4 kanneen maqaan isaanii:
- Faanosii Bantii,
- Birree Bantii,
- Shunnaa Bantii,
- Fiqaaduu Bantii fi haadha ijoollee kanaa kan ammaaf maqaan ishee nu hin qaqqabne
badii tokko malee jumlaan ukkaamsuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, gochi mirga namoomaa sarbu akkasii akka gandichaatti irra deddeebiin hidhattoota sirnichaan kan raawwatu ta’uu himuun, namoota nagaa hedduu badii tokko malee erga hidhaniin booda isin gadhiifna jechuudhaan maallaqa guddaa irraa fudhatanii booda manuma hidhaa wayita tursan ni mul’ata jechuun daba murna maafiyaa PP balaaleffachuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

